Fana: At a Speed of Life!

Indaastirichi Uffata seeraa Raayyaa Ittisaa fi Humna Addaa Oromiyaa oomishuu eegale 

Finfinnee, Hagayya 25, 2014 (FBC) – Paarkiin Indaastirii Hawaasaa Uffata seeraa Raayyaa Ittisaa fi Humna Addaa Oromiyaa oomishuu eegaluu Korporeeshiniin Misooma Indaastirii Paarkiiwwanii beeksiise.

Hojii gaggeessaa Olaanaan korporeeshininiichaa Obbo Saandookaan Dabbabaa, Itti gaafatamaa waajjira Hojii Gaggeessaa olaanaa Tiraansifoormeeshinii Korporeeshinichaa Obbo Fitsuum Katamaa fi hoggantoonni biroon Paarkii Indaastirii Hawaasaa Daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniin Indaastirii Uffata Seeraa Raayyaa Ittisa Biyyaa fi Humna Addaa Oromiyaa oomishu dhaabbata ‘Ippiik Appaariil’jedhamu daawwataniiru jedhame.

Indaastirichi torbee lama dura oomisha kana kan eegale yoo ta’uu, adeemsa oomishichaa ilaalchisee hoggantoota olaanoo Korporeeshinichaa waliin marii taasiisaniiru.

Indaastiriin Doolaara Ameerikaa miiliyoona 177 hojii eegale kun yeroo ammaa lammiilee kuma 2 fi 500f carraa hojii uumeera.

Paarkiin Indaastirii Hawaasaa Abbootii Qabeenyaa 20 ol kan of keessatti hammate ta’uu ragaan Korporeeshinii Misooma Indaastirii Paarkiiwwaniirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.