Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaan Yaa’ii Fayyaa Addunyaa 76ffaarratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Caamsaa 14, 2015 (FBC)- Jilli Ministira Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan durfamu Yaa’ii Fayyaa Addunyaa 76ffaarraatti hirmaachaa jira.

Yaa’iin Fayyaa Addunyaa 76ffaan mata duree “Dhaabbata Fayyaa Addunyaa turtii waggoota 75, lubbuu baraaruu, fayyaa hundaaf milkeessuu” jedhuun Siwiizarlaandi Jeneevaatti gaggeeffamaa jira.

Ityoophiyaan miseensaa hojii raawwachiistuu yeroo dhaabbata fayyaa addunyaa yoo taatu, yaa’ichaarratti kaka’umsa Ityoophiyaan kan qophaa’e murtee fooyya’iinsa eegumsa fayyaa idil addunyaa, eegumsaa fayyaa qindaa’aa hatattamaa, murteessaa fi hojiirra oolaa ta’ee fi dabalatee kanneen biroon akka raggaa’an eegama.

Yaa’ichi, Caamsaa 13-22, 2015 kan gaggeeffamu ta’uu ragaan Ministeera Fayyaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.