Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 8803 ga’e

Finfinnee,Adoolessa 10, 2012 (FBC) – Guyyaa kaleessaa gabaasa qorannaa sa’aa 24tin namoonni 328 vaayrasii koroonaatin qabamuu Ministeerri Fayyaa FDRI beeksise.

Sa’aa 24 keessatti qorannaan samuudaa namoota 6,911 hojjetameera.

Namoota 328 keessaa namoonni 250 Finfinneerraa, 13 naannoo Tigraayirraa, 27 Gaambeellarraa,15 Oromiyaarraa, 5 naannoo Somaaleerraa, 5 Dirree Dawaarraa, 8 naannoo Afaarirraa,3 naannoo Sidaamaarraa,1naannoo Amaaraarraa,1 naannoo Beenishaanguul Guumz ta’uun ibsameera.

Qorannaa amma ammaatti gaggeeffameen Ityoophiyaatti namoota 8,803 irratti vaayrasichi argamuu Ministeera Fayyaa beeksiseera.

Sa’aa 24 darbanitti Lubbuun namoota 2 darbeera.

Namoonni haaraan 48 ammoo dandamataniiru.

Waliigalaan Ityoophiyaatti namoonni 4,814 kan dandamatan yoo ta’u, namoonni 150 lubbuu isaanii dhabaniiru.

Ityoophiyaatti waliigalaan qorannaan laabraatoorii 302,728 hojjetameera.

Amma vaayrasichi kan irra jiru namoota 3,837 yoo ta’u,
namoonni 37 ammoo wallaansa cimaa keessatti aragmu.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.