Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,769 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee,Bitootessa 19, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,769 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 17 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 7,250 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,769 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Weerarichi erga Ityoophiyaa seenee lakkoofsi namoota kuma dhibba 2 caaluu ministeerichi beeksiiseera.

Namoonni haaraan 1,087 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 43,437 irratti argama.

Namoonni 805 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 17 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 2,801 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi 563 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.