Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 418 vaayrasii koroonaan qabaman

Finfinnee, Caamsaa 2, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 418 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 9 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 3,383 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 418 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 1,463 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 47, 728 irratti argama.

Namoonni 739 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 9 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,897 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 63 fi 120 qabamaniiru.

Namoonni 1,300,775 talaallii fudhataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.