Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni vaayrasii koroonaan qabaman 44 ga’an

Finfinnee, Bitootessa 28, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti sa’aatii 24 darbanitti qorannoo laaboraatoorii namoota 164f taasifameen namni tokko vaayrasichaan qabamuu isaa mirkanaa’e.
 
Namoota qorannoon laaboraatoorii sa’aatii 24 darbanitti taasifameef keessaa namoonni 26 kanneen kana dura dhibichaan qabamuu isaanii mirkanaa’e waliin tuttuqaa qaban jedhamanii shakkamaniidha jedhame.
 
Guyyaa har’aa vaayrasichaan qabamuun ishee kan mirkanaa’e dubartiin umrii wagaa 65 namoota vaayrasichaan qabaman waliin tuttuqaa kan hin qabne ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.
 
Jiraattuu magaalaa Duukam kan taate dubartiin kun seenaa imala alaa kan hin qabne ta’uun ishee mirkanaa’era.
 
Dubartiin umrii waggaa 65 kun yaala dhibee biroof Hospitaala yeroo deemanitti mallattoon dhibichaa irratti waan muul’ateef qorannoo taasifameen dhibichaan qabamuun ishee kan mirkanaa’e.
Yeroo ammaa Ityoophiyaatti namoota vaayrsichaan qabaman 44 keessa namni tokko haalan dhukkubbii cimaa keessa jiraachuu himameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.