Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoota vaayrasii koroonaatin qabaman 11 keessaa 2 gara biyya isaaniitti deebi’aniiru

Finfinnee, Bitootessa 14, 2012 (FBC) – Ityoophiyaatti namoota vaayrasii koroonaatin qabaman 11 keessaa 2 gara biyya isaaniitti deebi’aniiru.

Ministeerri Fayyaa FDRI akka beeksisetti namoonni gara biyya isaaniitti deebi’an kanneen lammiilee Jaappaani.

Namoota biroo vaayrasichi irratti argamee fi isaanin tuttuqqii qabaniif ammoo hordoffiin taasifamaafii jira.

Namoota vaayrasichi irratti argame keessaa arfan dandammachuu eegaluun, mallattoo dhibichaa argisiisuu dhaabaniiru.

Imaltoonni biyyoota alaatii xiyyaaran Ityoophiyaa seenan tursa adda ba’umsaa guyyootii 14tif Hoteela Skaay Laayitii fi Hoteela Giyoon seenuu jalqabaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.