Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti sadarkaa weerarri vaayrasii koroonaa irra jiru beekuuf qorannoon biyyaalessaa gaggeeffamuufi jedhame

Finfinnee, Eebila 5, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti sadarkaa weerarri vaayrasii koroonaa irra jiru beekuuf qorannoon biyyaalessaa eegalamuuf ta’uu Inistiityuutiin Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa beeksiise.
Qorannicharratti Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa, Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa, Yuunvarsiitiin Ohaayyoo fi Giddugalli Qorannoo Ittisaa fi To’annoo dhibee ni hirmaatu jedhame.
Dhaabbileen kunneen dhimmicharratti har’a ibsa gaazeesummaa laataniiru.
Qorannoon waloon gaggeeffamu kun sadarkaa facaatii weerara vaayrasii koroonaa guutuu biyyattii beekuuf kan gargaaru ta’uu ibsameera.
Kaayyoon qorannichaas dhibicha ittisuu fi to’achuuf furmaataa kaa’uufi jedhame.
Kutaan hawaasaa hundi dhibicha ittisuu fi to’achuuf tattaaffii taasiifamuuf odeeffannoo laachuun tumsa barbaachisu akka taasiisan gaafatamuu ragaan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.