Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti waliigalteen galmee jechoota seeraa jalqabaa qopheesisuu danda’u mallattaa’e

Finfinnee, Fulbaana 12, 2013 (FBC) – Ityoophiyaatti waliigalteen galmee jechoota seeraa jalqabaa qopheesisuu danda’u mallattaa’e.
Ityoophiyaatti waliigalteen galmee jechaa seeraa jalqabaa qopheesisuu danda’u guyyaa har’aa mallattaa’eera.
Waliigalticha kan mallatteessan Instiitiyuutii Qorannoo fi Leenjiii Haqaa fi Seeraa Federaalaa, Yuunivaarsittii Finfinnee fi dhaabbata tola olaa Jastiis For Ol jedhamudha.
Galmee jechootichaa qopheessuuf baajatni miiliyoona 4 kan qabame yoo ta’u, wagga sadi keessatti akka xumuramu ta’uu ibsameera.
Galmeen qophaa’uu afan Amaariffaan wayita ta’u, fulduratti afaanota biyyatti biroon kan qophaa’u ta’uu eerameera.
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.