Fana: At a Speed of Life!

Jiilli garee artii gara wiirtuu leenjii waraanaa Xollaayitti imalee leenjitoota dadamaqse

 

Finfinnee, Hagayya 10, 2013 (FBC)- Jiilli garee artii leenjiitoota Raayyaa Ittisa Biyyaa Onnachisuuf gara wiirtuu leenjii waraanaa Xollaayitti imalee hojiilee artii garaa garaa dhiyeessudhaan leenjitoota dadamaqse.

Sirna kanarratti argamuudhaan haasaa kan taasisan di’eettaan ministeera nageenyaa addee Warqinash Birruu,Gareen Shororkeessaa ABUT waggaa 27 gutuu uummata keenya ajjeessaa qabeenya saamaa ture.

Qabsoo uummataatiin aangoorraa erga bu’ees cal jedhee hin teenye. Ammas badii isaa bare san raawwachaa jira.

Diina biyya keenyaa kans barbadeessuuf Raayyaa Ittisa Biyyaatti makamuu keessanitti gamaduu qabdu. Sababni isaa biyya ofiitiif hojjachuun kabaja waan ta’eefidha.

Mootummaan jijjiiramaa biyya keenya guddinaan tarkaanfachisuufi hojii hojjataa jiruu milkeessuuf nageenyi barbaachisaadha.

Nageenya mirkanneessuuf immoo isiin gahee ol’aanaa taphatu.

Kanaaf imaanaa guddaa sinitti kennineeraa jechuudhaan dubbataniru addee Warqinash Birruun.

Leenjitoonnis birmadummaa biyyaa eegsisiuuf dhaabbachuusaanii himuudhaan ogeeyyoonni artii dhufanii isaan dadamaqsuun immoo onnee isaanii daran akka kakaase nutti himaniru.

Dargaggoon hundi waan danda’e hundaam biyya isaa akka eeguus dhaamsa dabarsaniru.

Oggeeyyoonni artiis hojiin dadamaqsuu kun kanaan kan dhaabbatu osoo hin taane kana boodallee gara adda waraanaatti imalanii hojii walfakkaataa akka dhiyeessan ibsaniru.

Daagwaawii Deegsisaatu gabaase.

Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.