Fana: At a Speed of Life!

Jijjiirraan bara haaraa saba Geedi’oo ayyaanni Daraaroo magaalaa Diillaatti kabajama jira

Finfinnee, Amajjii 16, 2012 (FBC) – Jijjiirraan bara haaraa saba Geedi’oo ayyaana Daraaroo magaalaa Dillaatti kabajamaa jira.

Ayyanicharratti Itti aanaa preezdaanti mootummaa naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw dabalatee hoggantoonni hojii mootummaa naannoo fi godinichaa argamaniiru.

Itti aanaa preezdaanti mootummaa naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw haasa taasisaniin aadaa keenyaa eeguun dhalootni akka beekan taasisuu qabna jedhaniiru.

Bulchaan godina Geedi’oo obbo Gazzuu Asaffaa saba Geedi’oon baga nagaan ayyaana Daraaroo geessan jechuun , akka biyyaatti yoo wal dhaggeeffannee fi yoo wal deeggarree rakkinni nuti keessa hin bane hin jiraatu jedhaniiru.

Sabni Geedi’oo sirna gadaan kan gaggeeffaman yoo ta’u, gaggeessitoonni sirnichaa abbootiin gadaa fi gaggeessitoonni gosaa sirni fakkenyaa bara moofaarra gara bara haaraa kan dabarsu jedhamee fudhatamu ‘Hulluuqqoo’ qophaa’e keessa hulluuquun yookaan darbuu raawwatameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.