Fana: At a Speed of Life!

Jilli dhibaayyuu Eel waaqi Magaalaa Dubuluq madda Eela Wayyuu, Eel waaqi jedhamuutti kabajame

Finfinnee, Amajjii 19, 2013 (FBC) –Jilli dhibaayyuu ykn irreeffannaa Eel waaqi Godina Booranaa Aanaa Dubuluqii Magaala Dubuluqiitti madda Eela Wayyuu, Eel waaqi jedhamuutti kabajamuu ibsame .

Jilli kun waggaa waggaadhaan yeroo mara baatii Amajjii wayita kana hawaasa naannichaa, daa’imman, dargaggoonni fi maanguddonni waliin ta’uun idddoo jiidhaa madda Eela Waaq ba’uun mijuu naqatanii quuftoo buufachuun ni kajama jedhame.

Dhibaayyuu kanaan waan dabreef waaqa galateeffachuun isa fuula duraaf waaqa kadhatu.

Dhibaayyuun aadaa Oromoo jajjabaa kan Oromoon waaqa isaa garaa qulqulluun ba’ee itti waaqa isaa galateeffatuu fi waan fuul duraa itti kadhatuu aadaa dansaa cimuu qabuudha jedhan Dookarri kabajaa Dooktar Borboor Buleen.

Iddoon kabaja jila dhibaayyuu Eeli Waaqi ardaa jilaa waan ta’eef kunuunsii addaa taasiifamuufi akka qabu hirmaattonni sirnichaa gaafataniiru.

Akka OBN gabaaseetti Itti aanaa Bulchaan Aanaa Dubuluq obbo Rashiid Ibree iddoo kanaaf kunuunsa addaa taasiisuun hawwattuummaasaa dabaluuf kan hojjeetan ta’uu himaniiru.

Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;

Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.

Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.

Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa

Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.!

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.