Fana: At a Speed of Life!

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee murtee dabarse

Finfinnee, Caamsaa 29, 2012 (FBC) – Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee walga’ii idileessa gaggeesseen dhimmoota garagaraatti murtee dabarseera.

 

Kaabineen Bulchiinsa Magaalaa Finfinnee kuufama idaa kaffaltii liizii qabiyeewwan lafaa magaalichaa hir’isuu akkasumaas misoomsitoonni jalqabbii fi xumura yeroo ijaarsa ilaalchisuun murtee garagaraa dabarseera.

 

Bu’uuruma kanaan liiziidhaan kan qabaman kanaan dura qaamni abbumman qabu mirkaneessa qabiyyee sirna liiziin akka keessumeeffamu kan murtaa’ee fi qabiyyee jireenya kallattiin liiziin qabamanirratti misoomsitootan qabamee kaffaltii gibiraa liiziin akka kaffalan garuu dhallii fi adabbiin akka ka’u murtee dabarseera.

 

Namoonni, abbootiin qabeenyaa akksumaas dhaabbileen lafa fudhatanii yeroon ijaarsa kan hin eegallee fi hin xumurree eeyyama ijaarsa adabbii malee akka haroomsaanii fi yeroon dabalataa waggaa 1 akka laatamuuf jedheera.

 

Qabiyyeewwan jirenyaa baasii riilisteetiin qabaman adabbii fi dhalli guutummatti akka ka’u murtee dabarseera.

 

Qabiyyeewwan hoteelaa fi turizimii adabbiin guutummaatti dhalli ammoo %30 akka hafu murtaa’eera.

 

Misoomsittooni himatarra jiran kaffaltiin adabbii fi dhalli  %30n irraa ka’ee akka kaffalan murtaa’eera.


Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.