Fana: At a Speed of Life!

Kaayyoon guddaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ummata Oromoo diinagdeedhaan mataa olqabuudha- Obbo Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Waxabajjii 23, 2014 (FBC) – Kaayyoon guddaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ummata Oromoo diinagdeedhaan mataa olqabuu ta’uu Preezdaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa  Obbo Shimallis Abdiisaa ibsan.

Giddugalli laabiraatoorii Kibba Oromiyaa magaalaa Bulee Horaatti ijaarsifame Preezdaantii Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan eebbifameera.

Preezdaantiin Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa haasawaa sirna eebba giddugalichaarratti taasisaniin, kaayyoon guddaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa ummata Oromoo dinagdeedhaan mataa olqabuu ta’uu ibsaniiru.

Ummanni kun hiree isaa mirkaneeffachuu danda’eera; Mootummaa walqixxummaa Oromoo fi sabootaaf dhaabbatu bu’uureffatees ittiin bulaa jira jedhan.

Sababni injifannoo badhaadhinaa dhugaafi hirmaannaa ummataa ta’uu eeruun, Sabboonummaa Oromoo, tokkummaa, diinagdee cimaa, seenaa hojjetu tarkaanfachiisuuf hojjatamaa akka jirus himaniiru.

Naannichatti bara kana piroojektoonni kuma 20 ol xumuramuun eebbifamaa jiraachuu ibsuu OBN gabaaseera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.