Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee miiliyoona 1.8 oliif talaallii Dhibee Koleeraa laachuun eegalame – Ministeera Fayyaa

Finfinnee, Caamsaa 10, 2015 (FBC) – Aanaalee weerarri dhibee Koleeraa keessatti mul’ateetti namoota miiliyoona 1.8 oliif talaallii laachuun eegalamuu Ministeerri Fayyaa beeksiise.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan gabaasa raawwii hojii baatiwwan salgan darbanii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataaf dhiyeessaniiru.

Naannolee walitti bu’iinsi ture keessatti dhaabbileen Yaala Fayyaa barbadaa’uu isaaniin kutaaleen hawaasaa rakkoof saaxilamuu ibsaniiru.

Miidhaa fayyaa naannolee kanneenitti qaqqabeef deebii hatattamaa laachuuf hojjetamaa jiraachuu gabaasa isaaniin eeraniiru.

Naannoolee Oromiyaa, Somaalee, Sidaamaa fi Kibbaatti weerarri dhibee Koleeraa mudachuu ibsaniiru.

Naannoo Oromiyaa Aanaalee 25, Somaalee aanaalee 3, naannoo ummattoota Kibbaatti aanaalee 21 fi Sidaamaatti aanaalee 4 keessatti weerarri dhibee Koleeraa mudachuu ibsa taasiisaniiru.

Naannoo Oromiyaatti hanga Eebla 7, 2015tti namoota dhibichaan qabaman kuma 6 fi 592 keessaa lubbuun namoota 104 darbuu eeraniiru.

Naannoo Oromiyaa fi Somaaleetti dhibicha Ittisuuf namoota kuma 86 oliif talaalliin laatamuu dubbataniiru.

Aanaalee Ollaa weerarri dhibichaa itti mudateetti namoota miiliyoona 1.8f torbee kanaa eegalee talaalliin kan laatamu ta’uu eeraniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.