Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Jimmaatti qorichi seeraan ala kuufame to’nnoo jala oole

Finfinnee, Fulbaana 12, 2014 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti qorichi seeraan ala kuufame to’nnoo jala ooluu ibsame.
Qorichichi hoteela Jeenevaa kutaawwan lafaa gadii fi lafaa olitti ijaaraman 3 keessatti kuufamee ture to’atamuu himameera.
kana duras magaalaa Jimmaa naannoo buufata konkolaataatti qorichi seeraan alaa akka raabsamu eeruun dhiyaachaa turuu Abbaan adeemsa hojii tajaajila qulqulina fayyaa fi fayyaan walqabatanii obbo Akbar Kamaal Faanaa Broodkaasting Korporeetiif himaniiru.
Koreen hordoffii hundaa’e sakatta’iinsa guyyaa kaleessaa taasiiseen qorichichi to’annaa jala oolchuu himaniiru.
Qoricha to’atamerratti yeroo itti aanu qorannoon dabalataa kan taasiifamu ta’uu obbo Akbar himaniiru.
Muktaar Xahaatu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.