Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggar ammayyeessuuf tumsi hayyootaa barbaachisaadha – Dooktar Tashoomaa Addunyaa

Finfinnee, Bitoootessa 22, 2015 (FBC) – Magaalaa Shaggar magaala jireenyaaf mijattuu fi ammayyooftuu taate ijaaruuf deeggarsi hayyootaa murteessaa ta’uu Kantibaan magaalichaa Dooktar Tashoomaa Addunyaan ibsaniiru.

Boordiin Gorsitoota Magaalaa shaggar Qorannoo dhiyaate irratti
mari’achuun hojii eegaleera.

Bulchiinsa Magaalaa Shaggaritti Boordiin Gorsitootaa Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan hundaa’e ka’umsa Qorannoo dhiyaate irratti mari’achuun hojii eegaleera.

Shaggar Magaalaa ammayyaa, saayinsii, teeknoolojii,Invastimentii, indaastirii,daldalaa, qonnaa ammayyaa,barnootaa, fayyaa,Turizimii fi duudhaa ummataarratti xiyyeeffachuun hundoofte ta’uu Dooktar Tashoomaan eeraniiru.

Kaayyoo kana galmaan gahuuf fedhii fi hawwii qofaan osoo hin taane beekumsa ammayyaa qo’annoo fi qorannoo gadi fageenya qabu irratti hundaa’uun karoora yeroo gabaabaa fi dheeraa jijjiirama qabatamaa fiduu danda’un deeggaramuun murteessaa ta’uu dubbatameera.

Magaalattiin muuxannoo magaalota addunyaa bu’uura godhachuun kan hundoofte ta’uu kaasuu ragaan Biiroo Kominikeeshinii magaalichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.