Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Sooriyaa nama caalaa adurreen itti baayyatu

Finfinnee, Muddee 22, 2012 (FBC) – Humnoota waraanaa Sooriyaa fi Raashiyaan ji’oottan darbaniif haleellaa bombiin erga rukutamtee boodaa garee finciltoota jala kan turte magaalaan Sooriyaa Kaafaar Naabal nama caalaa iddoo jireenyaa adurrootaa ta’uun ishee himame.
 
Jiraataan magaalaa Kaafaar; Saalaah Jaar jedhamu umuriin isaa waggaa 32 ta’e magaalattiitti haleellaa boombii qaqqabeen iddoo jireenyaa dhabuun adurroota hedduu waliin kan jiraatu ta’uun himameera.
 
Adurroota madaqan waliin jiraachun mijatoo waan ta’eef rakkoo narra ga’ee hunda akkan dagadhu na taasisaniiru jedheera.
 
Magaalattii kessa duratti namoonni kuma 40 ol jiraataa turan.
 
Yeroo ammaa ammoo namoota kuma 1 gadi ta’anii fi adurroota kumaatamaan lakkaa’amantu jiraata.
 
Namoonni hedduun sababa haleellaa mudateef magaalittii dhiisanii waan baqataniif lakkoofsi namootaa xiqqaachuu danda’eera jedhameera.
 
Yeroo ammaa adurroota hedduu waliin kan jiraatu Saalaah naannichatti kan argamu buufata raadiyoo keessatti hojii gazexeessumnaan kan hojjetu ta’uun himameera.
 
Saalaah adurroota haleellaa boombiin miidhaman hanga humni isaa eeyyame ni gargaara.
 
Adurroonni kanneen haalota gaariis ta’e, jibbisiisaa, dhukkubaa fi rakkina Saalaah irraa qooddachuun gammachuun waliin dabarsaa jiru.
 
Walumaagala gargaartota jireenyaa koo ta’aniiru jedha.
 
Maddii:-BBC
 
 
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.