Fana: At a Speed of Life!

Manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifa Suuroo Burguudaa waajjira Giiftii Dureen ijaarame guyyaa har’aa eebbifame

Finfinnee, Amajjii 18, 2013 (FBC ) – Naannoo oromiyaa Godina Gujii Bahaa aanaa Suuroo Burgudaatti manni barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifa Suuroo Burguudaa waajjira Giiftii Dureen ijaarame guyyaa har’aa eebbifameera.
Sirna eebbichaarratti Giiftii Duree aadde Zinnaash Taayyachaw, Preezdaanti Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa, Hoogganaa Biiroo Barnoota Oromiyaa Dooktar Tolaa Bariisoo, Abbootii Gadaa fi Jaarsoliin biyyaa argamaniiru.
Manni barumsichaa baasii Birrii miiliyoona 20n kan ijaarame yoo ta’u gamoo bulchiinsaa, kutaalee barnootaa, kutaa yaalii, mana kitaabaa fi galma walgahii fi gamoowwaan hojii biroof olaan of keessatti qabateera.
Waajjirichi guyyaa har’aa kan eebbisiise mana barumsaa sadarkaa 2ffaa Ifa Suuroo Burguudaa isa 12ffaadha.
Manni barumsaa kun marsaa lamaan barattoota kuma 2 fi 600 simachuu dandaha.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.