Fana: At a Speed of Life!

Manni marichaa vaayrasii koroonaarratti mari’ate

Finfinnee, Bitootessa 3, 2012 (FBC) – Manni Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI weerara fayyaa addunyaa kan ta’e vaayrasii koroonaarratti mari’ate.

Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa fi daayreektarri olaanaa Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Ityoophiyaa Dooktar Eebbaa Abaataan haala vaayrasichaa fi Ityoophiyaa akka hin sennef haalduree taasifamaa jirurratti mana marichaatif ibsa laataniiru.

Miseensi mana marichaas hubannaa uumuu fi hojii waliigalaa hojjetamaa jirurratti gaaffii dhiyeessera.

Dooktar Eebbaa Abaataan dhimmichi qindoomina akka barbaadu ibsanii, hirmaachistummaa hawaasatiin hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Inistiityuuutichis weerara vaayrasii koroonaa yaaddoo fayyaa addunyaa ta’e kana ittisuuf hanga gandaatti walitti hidhamiinsa uumuun hojjetamaa jiraachuu fi Ministeerri Fayyaas biiroowwan fayyaa naannolee waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Biyyoota ollaa waliin naannoo murteessuun, karroota seensaa fi ba’iinsaa 30 ta’an irratti hojiin ho’ina qaamaa adda baasuu gaggeeffamaa jiraachuu beeksisaniiru.

Dhimmicharratti hubannoo uumuuf miidiyaalee waliin tumsaan hojjetamaa jiraachuus kaasaniiru.

Naannolee miidiyaaleen hin qaqqabnetti ammoo maloota garaagaraan fayyadamuun hojjetamaa jira jedhameera.

Dooktar Liyaa Taaddasaan gama isaanitiin, dhibicha ittisuu fi yoo muul’ate to’achuuf dhaabbilee fayyaa qopheessuu irraa eegalee hojiiwwan garaagaraa hojjetamaa jiru jedhaniiru.

Koreen biyyaalessaa hundaa’es qaamolee ilaallatu waliin xiyyeeffannaan hojjechaa jirra.

Hawaasnis dhibicha irratti hubannoo akka argatuuf hojjetamaa jiraachuu ibsuun, haala salphaan qulqullina harkaa kan ittiin eeggatu haalli keemikaalli ittiin argamurratti hojjetamaa jiraachuu himaniiru.

Harka walfuudhuu fi walqabuun nama vaayrasichaan qabamerraa ykn wanta inni qabate tuquun, booddeemmoo ijaa fi funyaan tuttuquun salphumatti vaayrasichaaf nama saaxila.

Kanaaf harka wal qabuu dhiisuu fi yeroo yeroon sirnaan dhiqachuun barbaachisaadha jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.