Fana: At a Speed of Life!

Ministeerichi qabeenya uummaamaa irratti marii gaggeessaa jira

Finfinnee Muddee 24, 2012(FBC) – Ministeerri Qonnaa fi Qabeenya Uummamaa hojii qabeenya uummamaarratti magaalaa Adaamaatti marii gaggeessaa jira.
 
Haalaa fi qabiinsa biqiltuu bara darbe dhaabbatee fi lafa hojii misooma sululaan misooman irratti mariin gaggeeffamaa jiraachuu ministeerrichatti deettaan ministiraa Dooktar Kabaa Urgeessaan ibsaniiru.
 
Marichi mata duree “Qabeenya uumamaa badhaadhina keenyaaf” jedhuun qooda fudhattoota waliin mari’atamaa jira.
 
Hojiiwwan gama misooma qabeenya uumamaan hojjetaman irratti waraqaan qorannoo dhiyaatera.
 
Qonnaan bultootaa fi horsiisee bultoota leenjisuun hojiitti galchuu irratti hojiin hojjetame gaarii ta’uun himeera.
 
Bara darbee keessa lafa heektaara miiliyoona 9 misooma sululaan misoomsuun danda’amuu isaa gabaasa dhiyaateen ibsameera.
 
Naannoleen karoora isaanii yeroon dhiyeessuu dhabuun, hojiin misooma sululaa dhaabbiin hojjetamuu dhabuu fi rakkoon qulqullina hojii jiraachuun akka hanqinaatti ka’eera.
 
Qabeenya uummamaa bu’uura diinagdee taasiisuuf xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu Dooktara Kabaan hubachiisaniiru.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.