Fana: At a Speed of Life!

Ministeerri Fayyaa ijaarsa Laabraatooriiwwanii eegalchiisuuf waliigaltee mallatteesse

Finfinnee, Sadaasa 23, 2014 (FBC) – Ministeerri Fayyaa deeggarsa Maallaqaa Baankii Addunyaarraa argameen ijaarsa Laabraatooriiwwanii eegalchiisuuf waliigaltee mallatteesseera.

Sirna tajaajila Fayyaa fooyyessuuf kallattii kaa’ame keessaa bu’uuraalee misoomaa Fayyaa babal’isuun isa tokko ta’uu Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaan ibsaniiru.

Ityoophiyaatti ijaarsi Laabraatooriiwwan sadarkaa isaanii eeggatan Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa dabalatee Naannoo Oromiyaa, Amaaraa, Kibba, Somaalee, Beenishaanguul Gumuz, Tigraay, Afaarii fi Gaambeellatti kan gaggeeffamu ta’uu eeraniiru.

Birrii biiliyoona 7.2 liqaa fi deeggarsaan Baankii Addunyaarraa argameen kan ijaarramu ta’uu ragaan Ministeera Fayyaarraa argame ni muul’isa.

Ammatti Birrii miiliyoona dhibba 5 fi miiliyoona 71 ijaarsa Laabraatooriiwwan 9 naannolee 6 keessatti gaggeessuuf guyyaa har’aa waliigalteen kan raawwatame yoo ta’u, hanga Waxabajjiii 25 bara 2015 xumuramuun tajaajilaaf akka qophaa’u ifoomeera.

Naannoo keessan eegaa!

Gara adda waraanaatti duulaa!

Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.