Fana: At a Speed of Life!

MM Dr Abiy Ahimad ayyaana hundeeffama waggaa 75ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti ergaa dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 12, 2013 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad ayyaana hundeeffama waggaa 75ffaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti ergaa dabarsan.
 
Muummee ministiraa viidiyoo koonfarasii hoggansi olaanoon biyyoota miseensa dhaabichaa ta’an irratti hirmaatanirratti ergaa dabarsaniiru.
 
Ergaa isaanitiinis Ityoophiyaan miseensa hundeessituu dhaabichaa akkuma taate, hirmaannaa cimaadhan ga’eesheerraa eegamu ni ba’attis jedhaniiru.
 
Nageenya waloon tiksuun, hariiroo gama hundaa jabeessaa rakkoolee addunyaa mudataniif furmaataf ni hojjenna jedhaniiru.
 
Afrikaan gama hundaan guddina akka galmeessituuf deeggarsi kan ishee barbacahisu ta’uu ibsaniiru.
 
Ityoophiyaan nagaa kabachiisuun ergama dhaabichaa keessatti qabdu cimsiteet itti fuftis jedhan.
 
Ajandaalee jijjiirramaa, misooma magariisaa fi waraa dhaabbatichi baasu galamaan ga’uuf hojjechaa jiraachuus ibsaniiru.
 
Chaartarri hundeeffama dhaabbatichaa waggaa 75 dura Saan Fraansiiskootti bara Faranjootaa Waxabajjii 26,1945 mallatteeffamuun isaa ni yaadatama.
 
Ayyaana hundeeffama baranaarratti hoggansi biyyoota miseensa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii 193 haasaa taasisaniiru.
 
Barreessaa olaanaan dhaabbatichaa Antooniyoo Guutereez, dhaabbatichi kana caalaa ergama akka fudhatu hojjetamuu qaba jedhaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.