Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Ityoophiyaa miidhaa loltootaa fi milishaa Sudaan daangaa Ityoo-Sudaan irratti mudateen gadduu ibse

Finfinnee, Waxabajjii 20, 2014 (FBC) – Mootummaan Ityoophiyaa miidhaa loltootaa fi milishaa Sudaan daangaa Ityoo-Sudaan irratti mudateen gadduu ibseera.

Miidhaa Lotoota idilee Sudaan deeggarsa garee shororkeessaa ABUTiin daangaa Ityoophiyaa qaxxaamuruun seenan irra ga’e ilaalchisee Ministeerri Dhimma Alaa ibsa baaseera.

Ministeerichi ibsichaan taatee gaddisiisaa daangaa Ityoophiyaa fi Sudaan irratti raawwatame hubachuu ibseera.

Gochichi bulchiinsa Ityoophiyaa keessatti kan raawwatamee ta’uu fi loltoonni idilee Sudaan garee shororkeessaa ABUTiin deeggaramuun lafa Ityoophiyaa erga weerareen booda ta’uu eereera.

Mootummaan Ityoophiyaa taatichaan lubbuu darbetti gadduu ibsuun, yeroo dhiyootti dhimmicharratti qorannoo kan gaggeessu ta’uu hubachiiseera.

Haqi jiru daangaa Ityoophiyaa ce’anii haleellaa kan  raawwatan loltoota ta’ee osoo jiruu, Sudaan kan gochicha raawwate Ityoophiyaadha jechuun gochicha gara balleessuuf ibsi baase sobaa ta’uu eereera.

Mootummaan Ityoophiyaas, gochaa hammaataan akka hinuumamneef mootummaan sudaan akka of ilaaluu fi dhimmicha akka tasgabbeesuu abdii qabu ibseera.

Taateen kun hariiroo cimaa bara dheeraa uummatoota Sudaanii fi Ityoophiyaa giddu jiru cilee dibuuf akka ta’e kan amanu ta’uu eeruun, gochichi imalaa misoomaa fi nageenyaa Ityoophiyaa gufachiisuuf kan bocamedha jedheera.

Mootumman Ityoophiyaas dhimmicha qajeelfama jiruun garaagarummaa biyyoota lameenii gidduu akka furamuuf itti dhiyeenyaan kan hojjettu ta’uu ragaan Ministeericharraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.