Fana: At a Speed of Life!

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing bilbilaan mari’atan

Finfinnee, Gurraandhala 17, 2012 (FBC) – Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimadii fi preezdaantiin Chaayinaa Shii Jiinpiing bilbilaan mari’atan.

Tattaaffii tamsa’ina koroonaavaayirasii ittisuudhaf Chaayinaan taasistu dabalatee, dhimmoota garaagaraa irratti bilbilaan mari’ataniiru.

Barattoota Ityoophiyaa Chaayinaa jiraniif kunuunsi addaa barbaachisu godhamaafii akka jiru preezdaant Jiinpiing himaniiru.

Muummee ministiraas kunuunsichaan gammaduun, preezdaanticha galateeffataniiru.

Hojii gama kanaan mootummaan Chaayinaa hojjettutti nan boonas jedhaniiru muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad karaa fuula Feesbuukii isaanitiin.

Deeggarsa hamma yoonaatti Ityoophiyaanotaaf godhameefis galateeffataniiru.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.