Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayiif qorichoonnii fi  meeshaalee yaala adda addaa Birriin miiliyoonni dhibbi 3 ol baasii itti ta’ee dhiyaate

Finfinnee, Eebila 21, 2013 (FBC)- Naannoo Tigraayiif qorichoonnii fi  meeshaalee yaala adda addaa Birriin miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 71 baasii itti ta’ee dhiyaachuu Eejansii Dhiyeessii Qorichoota Ityoophiyaa ibse.

Daayreektarri olaanaa eejansichaa Dooktar Abdulqaadiir Galgaloo, naannoo Tigraayitti dhiyeessiin qorichoota akka hin muudanneef xiyyeeffannoon olaanaa laatameera jedhan.

Naannichatti rakkoon nageenyaa erga muudatee booda baatii Sadaasaarra eegalee dameewwan hojii eegaluu hordoofee qorichoonni dhiyaachaa jiraachuu himaniiru.

Baatiwwan jahaan darbanitti qorichoonni baasii Birrii miiliyoonni dhibbi 3 fi miiliyoonni 71 baasii itti ta’ee naannichaaf dhiyaachuu ibsaniiru.

Kanneen keessaa qorichoonni Birrii miiliyoonni dhibbi 1 fi miiliyoonni 81 baasii itti ta’ee dhaabbilee fayyaatif raabsamuu dayreektarichi himaniiru.

Eejansichi talaallii vaayrasii koroonaa erga biyya keessaa galee booda kuusuu fi daddabarsuuf baatiwwaniif qophii taasisaa turu himaniiru.

Dameewwwan jiran hundaatti talaalliwwan kuusuuf kan dandeessisuu qabbaneessaa haaraa qopheessuus ibsaniiru.

Dabalataanis qabaneessaa 17 raabsaa talaallichaaf qophii ta’uu himaniiru.

Maddi:-TOI

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.