Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Tigraayitti talaalliin Vaayirasii Koroonaa kennamaa jiraachuu ibsame

Finfinnee, Amajjii 10, 2015(FBC)- Naannoo Tigraayitti talaalliin Vaayirasii Koroonaafi talaalliiin idilee biroon kennamaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Waliigaltee nageenyaa hordofee dhaabbilee fayyaa sababa walitti bu’iinsaan miidhaman hojii eegalchiisuu dabalatee hojiilee bal’aan naannichatti hojjetamaa jiraachuu Ministeera Fayyaatti Hogganaan Deeskii Talaallii Haadholiifi Daa’immanii Malkaamuu Ayyaalawu ibsaniiru.

Bu’uuruma kanaan talaalliin Vaayirasii Koroonaafi dhibeewwan biro gara naannichaatti ergamuu kaasaniiru.

Jilli ogeeyyii fayyaa tajaajilicha kennan naannicha iddoowwan garaagaraatti bobba’uu eeraniiru.

Hojii kenniinsa talaallii kana saffisiisuuf Yuuniiseefi Dhaabbata Fayyaa Addunyaa waliin qindoominaan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Yeroo dhiyootti talaallii gifiraa gara naannichaatti erguuf qophiin xumuramuu ibsaniiru.

Malaakuu Gadiftu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.