Fana: At a Speed of Life!

Namoota vaayrasiin koroonaa irratti argame 731 keessaa 458 jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu Biiroon Eeggumsa Fayyaa magaalichaa beeksise

Finfinnee, Caamsaa 19, 2012 (FBC) – Namoota vaayrasiin koroonaa irratti argame 731 keessaa 458 jiraattoota magaalaa Finfinnee ta’uu Biiroon Eeggumsa Fayyaa magaalichaa beeksise.
 
Namoota kanneen keessaa ammoo namoonnii 177 kanneen tuttuqaa fi seenaa imala alaa hin qabneedha jedhame.
 
Namoota guyyaa har’aa akka biyyaatti vaayrasichaan qabamuun isaanii mirkanaa’e keessaa 10 jiraattoota kutaa bulchiinsa magaalaa Addis Katamaa ta’uu biirichi ifoomseera.
 
Waliigala hanga ammaattii kutaa bulchiinsa magaalaa Liddataatti namootni 122, Addis Katamaatti namoonni 79, Booleetti namoonni 56, Gulalleetti namoonni 40, akkasumas Kolfee Qaraaniyootti namoonni 40 vaayrasii kanaan qabamuu ibsameera.
 
Eekkaatti namoonni 26, Aqaaqii Qaallittiit namoonni 10,Nifaasilk Laaftootti namoonni 27, Araadaatti namoonni 21fi Qiirqoositti namoonni 16 vaayrasichaan kan qabaman yoo ta’u, kan namoota 21 teessoon isaanii qoratamaa jiraachuu biirichi beeksiseera.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.