Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaan Pireezidaantii Dhaabbata farra Si’eessituu idil addunyaa waliin mari’atan

Finfinnee, Bitootessa 18, 2015 (FBC) – Itti Aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin Pireezidaantii Dhaabbata farra Si’eessituu Idil Addunyaa Wiitooldi Baankaa waliin mari’ataniiru.

Ispoortiin hariiroo dippiloomaasii biyyootaa cimsuu keessatti qooda olaanaa qabaachuu Obbo Dammaqaan eeraniiru.

Si’eessituun guddina Ispoortiif gufuu waan ta’uuf Ittisuu fi to’achuuf mootummaan qooda fudhattoota waliin tumsaan kan hojjetu ta’uu dubbataniiru.

Si’eessituu to’achuuf tattaaffii mootummaan Ityoophiyaa taasiisu kan dinqisiifatan ta’uu Pireezidaantiin Dhaabbata Farra Si’eessituu Wiitooldi ibsaniiru.

Dhaabbatichi dandeettii fi ga’umsa biyyaa fi dhaabbatummaa cimsuuf deeggarsa barbaachisu hunda kan taasiisu ta’uu mirkaneessaniiru.

Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.