Fana: At a Speed of Life!

Obbo Hayilamaariyaam Dassaaleenyi Preezdaantii Sudaan Kibbaa waliin mari’atan

Finfinnee, Amajjii 5, 2013 (FBC) –Muummeen Ministiraa duraanii fi ergamaan addaa Muummee Ministiraa Dooktar Abiya obbo Hayilamaariyaam Dassaaleenyi Preezdaantii Sudaan Kibbaa Saalvaa Kiir  Maardiyaat waliin mari’ataniiru.

Haala waqtaawaa Ityoophiyaa, akkasumasa proojektoota misoomaa waloo Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaarratti xiyyeeffachuun mari’achuu isaanii ragaan Waajjira Preezdaantii Sudaan Kibbaarraa argame ni agarsiisa.

Ibsa Ministirri dhimmaa alaa fi hariiroo idila addunyaa Sudaan Kibbaa Biiyaatiriis Kaahimiisaa Waanii laataniin, obbo Hayilamaariyaam haala waqtaawaa Ityoophiyaa Preezdaant Saalvaa Kiiriif ibsa taasiisaniiru.

Yeroo ammaa Ityoophiyaa keessatti tasgabbiin bu’aa jiraachuu ibsaniiru.

Preezdaant Saalvaa Kiir dhimmoota waloo gaanfa Afrikaa fi proojektoota misoomaa waloo Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa olaantummaan akka dursanii fi hordofan Ministeera dhimma Preezdaantummaa biyyattii, Ministirri dhimmaa alaa fi hariiroo idila addunyaa, akkasumas bulchaa bulchiinsa Joongiliif itti gaafatamummaa laachuu isaanii ibsaniiru.

Yeroo ammaa Ityoophiyaatti nageenyi fi tasgabbii gaariin jiraachuu kan ibsan Ministirri dhimmaa alaa fi hariiroo idila addunyaa Sudaan Kibbaa Biiyaatiriis Kaahimiisaa Waanii yeroon sirriin  misooma waloo itti raawwatamu amma ta’uu dubbataniiru

Obbo Hayilamaariyaam gama isaaniin biyyoonni Baha Afrikaa daldalaa, bu’uuraalee misoomaa fi diinagdeen walitti hidhuuf hoggantoonni biyyoota kanneenii walitti dhiheenyaan kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.

 

Hariiroo Ityoophiyaa fi Sudaan Kibbaa gidduu jiru caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniru.

 

Sudaan Kibbaa biyya tasgabbooftuu akka taatuuf hoggansa Preezdaant Saalvaa Kiiri laataniif obbo Hayilamaariyaam galateeffataniiru.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

 

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.