Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti bara kana lafti heektaarri kumni 300 oomisha qamadiitiin ni uuwwifamu

Finfinnee, Hagayya 24, 2012 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti bara kana lafti heektaarri kumni 300 oomisha qamadiitin akka uuwwifamu Biiroo Qonnaa fi Qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa beeksise.

Biiroon qonnaa fi qabeenya uumamaa naannoo Oromiyaa gamaagama hojii bara 2012 fi karoora hojii 2013rratti tibbana magaalaa adaamaatti marii gaggeesseera.

Marii gaggeefamee kanarratti bara 2012tti hirkannaa roobaa jalaa bahaamee jallisiitiin hojjachuu fi,gara meekaanaayzeeshinitti ce’uun hojilee hojjataman keessatti argamu kan jedhaan hogganaa biiroo misooma qonnaa fi qabeenya uumamaa oromiyaa obbo Dhaabaa Dabaleeti.

Gama biraatiin kilaastaraan oomishuutiin %600,omiisha midhaanii kuntaala miliiyoona 10n dabaluu fi, al eergii oomisha bunaa gara kuma 900tti guddisuun danda’ameera jedhaniiru.

Hojiilee gurguuddoo bara 2013 hojjataman kanneen biroo akkuma jiranitti tahee akka addaatti qamadii alaa galuu hambiisuuf xiyyeeffannoon ni hojjeetamas dhaamaniiru.

Waltajjiicharratti kan argaman preezdantiin bulchiinsa mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimaliis Abdisaan ummanni keenya wabii midhaan nyaataatiin akka of danda’uu hiyyummaarraa akka bahu gochuuf dirqama keenya haa baanu jechuun erga dabarsaniiru.

Daagmaawwi Daksiisaatu gabaase

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.