Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti guyyaatti dhiigni yuuniitiin kumni 1 ol sassaabbamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 27, 2012 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti guyyaatti dhiigni yuuniitiin kumni 1 ol sassaabbamaa jira.
 
Biiroon Fayyaa Oromiyaa akka beeksisetti dhiigichi baankota dhiigaa naannicha keessatti argaman 10tti sassaabbamaa kan jiru.
 
Itti aanaan hogganaa biirichaa Dooktar Abdulqaadir Galgaloon akka beeksisanitti, sababii weerara vaayrasii koroonaatin tajaajilli fayyaa idileetin; haadholii fi daa’imman akka hin miidhamne hojjetamaa jira.
 
Baankota dhiigaa 10tti guyyaatti dhiigni yuuniitiin 850 hanga 1,100 ta’u sassaabbamaa jira.
 
Duula baatii tokkotti taasifameen dhiigni yuuniitiin kuma 30 ol arjoomtotarraa sassaabbamuu danda’eera jedhan.
 
Boorana, Gujii, godinaalee Wallaggaa arfanii fi godinaalee biroo hanqinni mudatutti, baankota dhiigaa dhiyeessii ga’aa qabanirraa fudhachuun tajaajilarra oolaa jira.
 
Miseensonni Federeeshinii Dubartootaa Oromiyaa kaleessa magaalaa Adaamaatti dhiiga arjoomuun, sababii weerara vaayrasii koroonaatin namoota harka qalleeyyotaaf deeggarsa taasisaniiru.
 
Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.