Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti namoonni dabalata 128 vaayrasii koroonaatin qabaman

Finfinnee, Onkololeessaa 13, 2013 (FBC) – Naannoo Oromiyaatti gabaasa qorannoo sa’aa 24 darbeetiin namoonni 128 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame.

Naannichaatti sa’aa 24 darbeetiin qorannoo laabraatoorii namoota 937 hojjetameen vaayrasichi namoota 128 irratti argamuu Biiroon Eeggumsa Fayyaa Oromiyaa beeksiseera.

Oromiyaatti hanga guyyaa kanaatti lakkoofsi namoota vaayrasii koroonaan qabamanii 15,320 ga’eera.

Lubbuun namoota 4 yoo darbu, waliigala Lubbuun namoota 131 darbeera.

Namoonni haaraan 144 vaayrasichaarra yoo dandamatan, hanga ammaatti namoonni 9564 dandamataniiru.

Namoonni 32 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Yeroo ammaa vaayrasichi kan irra jiru namoota 5625 ta’uu biirichi ifoomseera.

Erga vaayrasichi gara Ityoophiyaa seenee hanga ammaatti naannoo Oromiyaatti qorannoon laabraatoorii namoota 209357 gaggeeffameera.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.