Fana: At a Speed of Life!

Proojektiin hojii Ittisa,kunuunsaa fi wal’aansa HIV irratti xiyyeeffatu eegalame

Finfinnee, Gurraandhala 5, 2013 (FBC) – Proojektiin hojii Ittisa,kunuunsaa fi wal’aansaa aanaalee fi magaaloota naannoo Oromiyaa caalmaan HIV’f saaxilamoo ta’an 41 keessatti waggoottan 3n itti aananiif hojjatu eegalame.
Hogganaa Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Dooktar. Mangistuu Baqqalaa hojiin Uummata tajaajiluuf karoorfaman akka milkaa’aniif qindoominni keessaa fi alaa hojimaataaf itti gaafatamummaa qabuun raawwachuun barbaachisaadha jedhan.
Seektaroonni qindoominaan hojjetan 5 raawwii proojektichaa milkeessuu irratti ga’ee isaanii ba’uuf waadaa galuuniiru.
Proojektiin kun saaxilamtoota HIV adda baasuu fi tajaajila akka argatan taasiisuu keessatti qaamni hundi ga’ee isaa akka ba’u itti aanaa Hogganaan Biiroo Eegumsa Fayyaa Oromiyaa Obbo Nagaash Simee dhaamaniiru.
Waltajjii kana irratti bakka bu’oonni magaalotaa fi aanotaa argamuu isaanii ragaan Biiroo Eeggumsa Fayyaa Oromiyaarraa argame ni muul’isa.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna!
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.