Fana: At a Speed of Life!

Qorattoonni Chaayinaa daawaa Vaayirasii Koroonaa ittisuu danda’u lama argachuu ifoomsaan

Finfinnee, Amajjii 27, 2012 (FBC) – Qorattoonni Chaayinaa daawaa Vaayirasii Koroonaa ittisuurratti bu’aa qabeessa ta’e haaraa lama argachuu ifoomsaaniiru.
 
Qorichoota Abiidool fi Daarnaaviir jedhaman yaala Viitroo seelii keessatti bu’aa qabeessa ta’e argachuu Proofeessarri Yuunvarsiitii Zeenzhiiyaang tokko ibsaniiru.
 
Qorichoonni haaraan kunneen sagantaa yaala komishinii fayyaa biyyaaleessaa biyyattii keessatti akka makaman yaadni dhiyaateera jedhame.
 
Ogeessi fayyaa tokko qorichaaleen kunneen qajeelfama yaalaan ala fudhatamuu akka hin qabne himaniiru.
 
Dhibeen kanaan hanga ammaatti namoota kuma 24 fi 363 qabaman keessaa namoonni 491 du’uun himameera.
 
Maddi:-CGTN
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.