Fana: At a Speed of Life!

Qorichootaa fi meeshaalee wallaa’ansaa diyaaspooraan fidaa jiran of eeggannoon akka kuufaman taasifameera

Finfinnee, Amajjii 2, 2014 (FBC)- Qorichootaa fi meeshaalee wallaa’ansaa diyaaspooraan fidaa jiran of eeggannoo fi sirnaan kuufamaa taasisaa jiraachuu Abbaan Taayitaa Nyaata Qorichaa fi Nyaataa beeksiseera.

Waamicha Muummee Ministira FDRI Abiy Ahimad fudhachuun diysaapooraa hedduun gara dhufaa kan jiraa yoo ta’u, kanneen biyyaa keessaa galaan keessaayis heduun dhaabbilee fayyaa garee ABUT’tiin barbada’aan tumsuuf meeshaalee wallaa’ansaa fi qorichoota fiduun gara biyyaa dhufuu ibsameera.

Abbaan Taayitichaas Ministeera Fayyaa fi Ejansii dhiyeessii qorichoota waliin ta’uun meeshaaleen dhufaan of eeggannoo fi sirnaan kuusuuf hojjetamaa jiraachuu abbaan Taayitaa Nyaata Qorichaa fi Nyaata beeksiseera.

Abaa taayitichaatti gargaartuu daayrektaraa damee waajjira giddugalaa Hilliinaa Gazaahaany akka himanitti, diyaaspooraan qorichootaa fi meeshaalee wallaa’ansaa fidaa jiran of eeggannoon akka kuufaman taasifameera.

Abbaan Taayitichas damee fayyaa tumsuuf deeggarsa diyaaspooraan taasiseef galateefftaniiru.

Madd:-TOI

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.