Fana: At a Speed of Life!

Saamuunaan qulqullinaa har’aa eegaluun manneen qorichaa Kanamaatti ni rabsamu

Finfinnee, Bitootessa 8, 2012 (FBC) – Saamuunaan qulqullinaa(saaniitaayzariin) har’aa eegaluun manneen qorichaa Kanamaatti kan rabsamu ta’uu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksise.

Biyya keessatti kan oomishamu saamuunaan qulqullinnaa kun manneen qoricha Kanamaa magaalaa Finfinnee keessa jiran hundatti gatii madaallawwan har’aa eegaluun ni rabsamu.

Saamuunaan qulqullinaa liitirri kumni 200 karaa manneen qorichaa Kanamaatiin hawaasaaf kan dhiyaate ta’uu ibsameera.

Hawaasnis guyya boruu eegaluun mana qoricha Kanamaa dhiyeenya isaaniitti argamuu bitachuu kan danda’an ta’uu ragaan waajjiraa kaantibaa magaalaa Finfinneerraa argame ni muul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.