Fana: At a Speed of Life!

Saree kubbaa dirree teenisii ja’a afaan keessatti qabachuun riikardii haara galmeesse

Finfinnee, Gurraandhala 12, 2012 (FBC) – Ameerikaa Niiwyoorkitti sareen tokko kubbaa dirree teenisii ja’a yeroo tokkotti afaan keessatti qabachuun riikardii haaraa galmeesse.

Sareen umurii waggaa ja’aa Finiilii jedhamu kubbaawwan dirree teenisii gargaarsa namaa malee afaan keessa godhachu danda’eera.

Sarichi yeroo umurii waggaa lamaarra eegaluun shaakkalli taasisaa akka tures himameera.

Tibbana kubbaawwan dirree teenisii ja’a yeroo tokkotti affaanitti qabachuun riikardii haaraa galmeessu danda’eera.

Warreen saricha guddisaan maqaa sarichaa galmee dinqisisoo addunyarratti galmeesisuuf yaalli taasisaniiru.

Kanaan dura bara Faranjoota 2003 sareen Teeksaasitti argamu tokko kubbaa dirree teenisii shan afaanitti qabachuun riikardii haaraa galmeessun isaa ni yaadatama.

Maddi:- Odiit Seenteraal

 

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.