Fana: At a Speed of Life!

Shakkamaan waraqaa eenyummaa fi sanada sobaan Birrii Kuma dhibba 5 matta’aa fudhata to’atame

Finfinnee, Caamsaa 27, 2013 (FBC) – Namni dhuunfaan maqaa, waraqaa eenyummaa, teessoo fi sanadoota garaagaraa fayyadamuun yakka waliin dhauu raawwataa ture to’atamuu Komishiniin Poolisii Federaalaa beeksiise.
Namni kun maqaalee garaagaraa Sintaayyoo Biirguu Kaayyanaa, Sintaayyoo Tamasgeen Abarraa fi Sintaayyoo Damissee jedhaman fayyadamuun yakkoota waliin dhahuu garaagaraa raawwachaa turuu Daayreektooreetii qorannoo yakkoota Faayinaansii fi Daldalaatti itti gaafatamaan qorannoo yakka daddabarsa maallaqa seeraan alaa obbo Shimallis Xibabuu himaniiru.
Shakkamaan kun kana dura kutaalee magaalaa Eekkaa fi Booleetti yakkoota garaagaraa raawwachuu himanni irratti banamee turuu eeraniiru.
Meeshaa waraanaa seeraan alaa qabatee argamuu fi maqaa sobaan aangootti fayyadamuun yakka waliin dhahuu raawwachuun himatamee turuu itti gaafatamichi himaniiru.
Waraqaa eenyummaa sobaa ga’een hojii isaa qorataa ta’uu ibsu qabachuun yakkoota garaagaraa raawwachaa turuu Poolisiin qorannoon irra ga’uu obbo Shimallis eeraniiru.
Maqaa sobaa hoggananaa olaanaa mootummaa ta’uu isaa agarsiisu qopheessuun malaamaltummaa raawwachaa turuu isaas himaniiru.
Eebila 19, 2013 dhaabbata Ijaarsaa Taklabirihaan Ambaayee deemuun dhaabbatichi saamsamuufi jechuun seeraan ala Birrii kuma dhibba 5 matta’aa fudhachuu himaniiru.
Waraqaan eenyummaa namni dhuunfaan kun itti fayyadamaa ture hundi kan sobaa ta’uu Poolisiin qaamolee dhimmi ilaallatu waliin ta’uu mirkaneessuu obbo Shimallis dubbataniiru.
Komishinii Federaalaatti Biiroon qorannoo yakkaa galmee yakkaa shakkamaa kanaa Abbaa Alangaaf dabarsuu ragaan Komishinicharraa argame ni agarsiisa.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo Waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.