Fana: At a Speed of Life!

Abbaa warraa haadha warraa isaa saame

Finfinnee, Fulbaana 13, 2015(FBC)- Magaalaa Finfinnee kutaa magaalaa Addis Katamaatti namni dhuunfaan haadha warraa isaa saame to’atame.

Namni dhuunfaa kun kutaa magaalichaa aanaa 11 galgala keessaa naannoo sa’aatii 3:00tti haadha warraa isaa harkaa bilbila butuun osoo fiiguu raayyaa uummataa naannawaa isaanii eegaa jiraniin to’atamuu ibsameera.

Raayyaan uummataa naannichaas namicha to’atame poolisiif dabarsanii kennuu eerameera.

Magaalichatti raayyaan uummataa namoota yakka garaagaraa raawwataniifi lootee seentota to’achuun humna nageenyaa gargaaraa jiraachuu ragaan Paartii Badhaadhinaa Magaalaa Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.