Fana: At a Speed of Life!

Torbee tokko keessaatti meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 64 olitti tilmaamamu to’atame

Finfinnee, Amajjii 23, 2013 (FBC)-Torbee tokko keessatti meeshaaleen kontirobaandii Birrii miiliyoona 64 olitti tilmamamu to’annaa jala ooluu Ministeerri Galiiwwanii beeksise.
Baatii Amajjii 14 hanga 20, 2013tti meeshaaleen kontirobaandii Birrii 64, 025, 470.75 tti tilmaamamu biyya keessa galchuu fi alatti erguuf osoo yaalamuu to’annaa jala ooluu Ministeerichi beeksiseera.
Meeshaaleen kontiroobaandii galiin tilmaama Birrii 48,382,510.75 yoo ta’un, baasiin ammoo tilmaama Birrii 17,642,960 buufatalee gumurakaa garaagaraatti to’atamuu ministeerichi ibseera.
Meeshalee kontirobaandii to’annaa jala oolfaman keessa qorichoota, oomishaalee nyaataa, meeshaalee waraanaa, meeshaalee bareedinaa, bu’aalee tamboo, qorichoota sammuu namaa hadoochanii fi meeshaaleen elektirooniksii keessatti argamu.
Ministeerichi meeshaaleen kanneen to’annaa jala oolfamuu kan danda’e hojii waloo hojjettoonni Gumurukaa fi qaamolee nageenyaa akkasumas eeruu ummanni taasiseen ta’uu beeksiseera.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.