Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin jalqabaa Gamtaa Qorannoo Sagantaa Daranyoo Sombaa biyyoota Kibbaafi Baha Afrikaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Caamsaa 3, 2015(FBC)- Yaa’iin jalqabaa Gamtaa Qorannoo Sagantaa Daranyoo Sombaa biyyoota Kibbaafi Baha Afrikaa magaalaa Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicha Inistiitiyuutiin Qorannoo Armaawar Haansan, Ministeerri Fayyaafi Dhaabbata Fayyaa Addunyaatti Qorannoo Dhibeewwan Naannawaa Gammoojjii waliin ta’uun qopheessuu eerameera.

Waltajjichaan biyyoonni Kibbaafi Baha Afrikaa 22 muuxannoo dhibee daranyoo sombaarratti qaban kan itti wal jijjiiran ta’uu ibsameera.

Daayrektarri Olaanaan Instiitiyuutii Qorannoo Armaawar Haansan Piroofeesar Afawarq Kaasuun, dhibeen daranyoo sombaa dhibee lubbuu namaa galaafatu ta’uu kaasuun, dhibichaan addunyaarratti namoonni miiliyoonni 1.6 lubbuusaanii kan dhaban ta’uu eeraniiru.

Waggaa waggaan namoonni miiliyoonni 10 dhibichaan kan qabaman ta’uu kan ibsan Piroofeesar Afawarq, tarsiimoon ittisa daranyoo sombaa qophaa’ee hojiin ittisaa, qorannoofi wal’aanuu hojjetamaa jiraachuu addeessaniiru.

Bakka Bu’aan Ministir Deetaa Ministeera Fayyaa Dooktar Abarraa Baqqalaan, waggoottan 20 darbanitti wal’aansa daranyoo sombaa babal’isuuniifi hanga namoota dhibichaan du’anii hir’isuuf hojiilee hedduun hojjetamus sababa daddabarsa namaa daangaarraan kan ka’e dhibicha to’achuun kan hin danda’amne ta’uu ibsaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.