Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin miseensota Biiroo Gumii Gamtaa Afrikaa, Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan marii taasisaa ture walii galtee malee xumurame

Finfinnee, Adoolessa 7, 2012 (FBC) – Guutinsaa fi gadi lakkisa bishaanii hidha haaromsaarratti yaa’iin miseensota Biiroo Gumii Gamtaa Afrikaa, Ityoophiyaa, Gibtsii fi Sudaan marii taasisaa ture walii galteerra otuu hin ga’amiin xumurame.

Walga’icha kan qindeessaan dura taa’aa gamtaa Afrikaa, Preezdaant Siiriil Ramaafoosaa yoo ta’an, Ityoophiyaa, Sudaan, Gibstii fi hoggantoonni miseensota yaa’ichaa Keeniyaa, maalii fi Demookraatawaa Riippabliika Koongoo hirmaataniiru.

Yaa’ichi waligalteera otuu hin ga’amiin xumururamuu Ministirri Ministeera Bishaan, Jallisii fi Inarjii Dooktar Injiinar Silashii Baqqalaa ibsaniiru.

Torbee lamaan dhufan keessatti Ityoophiyaan ijaarsa hidha haaromsaa xumuruun bishaan guutuu kan eegaltu ta’uu fi biyyoonni sadeen waliigalteerra ga’uuf murteessuu isaanii Waajjirri Muummee Ministiraa beeksisuun isaa ni yaadatama.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.