Fana: At a Speed of Life!

Yakkamtoota tokkummaa ummataa diiganii fi biyya hokkaruuf hojjetaniif mootummaa hin obsu – Af-yaa’ii obbo Taaggasaa Caafoo

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2013 (FBC) – Yakkamtoota tokkummaa ummataa diiganii fi biyya hokkaruuf hojjetaniif mootummaa akka hin obsine Af-Yaa’iin Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa FDRI obbo Taaggasaa Caafoo ibsan.

Af-yaa’ii obbo Taaggasaa Caafoo dabalatee Eetaamaajoorrin Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad, hoggantoonni olaanoo federaalaa fi naannoo kibbaa aanaa Gurra Fardaatti kutaalee hawaasaa miidhaan qaqqabe waliin marii’ataniiru.

Eetaamaajoorrin Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Jeneraal Adam Mahaammad yakkamtootaa miidhaa qaqqabsiisanirratti tarkaanfiin ni fudhatama jedhaniiru.

Itti Aanaan Preezdaanti Mootummaa Naannoo Kibbaa obbo Ristuu Yirdaaw gama isaniin hoggantoota yakkicha keessa qabanirratti tarkaanfiin akka fudhatamu hubachiisaniiru.

Namoonni 21 shakkamuun too’annaa jala ooluukomishinarri komishinii poolisii naannoo Kibbaa Nabiyyuu Isaayyaas Faanaa Biroodkaastiingi Koorporeetiingiitti himaniiru.

Miidhaa qaqqabeen namoonni kuma 2 fi 635 buqqa’uu ibsuun gareen dhimmicha qoratu gara naannichaatti imaluu ibsaniiru.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.