Fana: At a Speed of Life!

Yuunvarsiitiin Haramaayaa ogeeyyii yaalaa 239, Yuunvarsiitiin Maqalee ammoo 397 ebbisiise

Finfinnee, Amajjii 2,2012(FBC)- Yuunvarsiitiin Haramaayaa ogeeyyii yaalaa 239, Yuunvarsiitin Maqalee ammoo 397 ebbisiisera.
 
Yuunvarsiitin Maqalee barattoota ogummaa yaalaa gosa addaddaa 397 ebbisiisera.
 
Ebbifamtoonni kanneen yaala ilkaanii, baayoo meedikaala, yaala hawaasaa, miidwaayfrii, narsiingii, faarmaasii, digrii 3ffaa yaala hawaasatiin leenji’aa kan turanidha.
 
Haaluma walfakkaatun Yuunvarsiitii Haramaayaatti Koolleejjiin Saayinsii Fayyaa Harar ogeeyyii fayyaa; dooktaroota yaalaa 239 har’a ebbisiisera.
 
Ebbicharratti preezdaantiin naannoo Hararii obbo Oordiin Badrii, walitti qabaan boordii yuunvarsiitichaa Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa, hoggansi federaalaa fi naannoo, akkasumas maatin ebbifamtootaa argamaniiru.
 
Ebbifamtoota koolleejjichaa keessaa 56 dubartoota.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.