Fana: At a Speed of Life!

Addunyaarratti guyyaatti namoonni kumni 100 COVID-19 qabaman-DhFA

Finfinnee, Waxabajjii 15, 2012 (FBC) – Dhaabbanni Fayyaa Addunyaa addunyaarratti guyyaa tokkotti lakkoofsa olaanaa namoota covid-19 qabaman galmeessuu beeksise.

Dhaabbatichi addunyaarratti guyyaa tokkotti namoota kuma dhibba 1 fi kuma 83 irratti vaayrasichi argameera jedhe.

Kanneen keessaa kuma 50 ol  kan ta’an lammiilee Biraaziil ta’uu beeksiseera.

Dabalataan Ameerikaatti namoonni lakkoofsan olaanoo ta’an covid -19 qabamuu ibseera.

Gama biraatin ammoo Hinditti namoonni vaayrasii koroonaatin qabaman kuma dhibba 4 fi kuma 10 fi 461 qaqqabuu beekameera.

Kanneen keessaa qorannoo sa’a 24 keessatti namoonni kumni 15 ol vaayrasichaan qabamaniiru.

Tamsa’inni vaayrasii koroonaa Niiw Deelhii fi Muumbaay  keessatti ariitiin dabalaa jiraachuu ragaan Yuunivarsiitii Joohn Hoopkiins ni muul’dhisa.

Biyyattiitti vaayrasichaan lubbuun namoota kuma 13 fi 254 darbeera.

Maddi:-BBC

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.