Fana: At a Speed of Life!

Chaayinaa Afrikaatti tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf meeshaalee qorannaa kuma 12 laatte

Finfinnee, Bitootessa 10, 2012 (FBC) – Mootummaan Chaayinaa Afrikaatti tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuuf meeshaalee qorannaa kuma 12 laachuusaa Gamtaan Afrikaa beeksise.

Gamtichatti daayreektarri olaanaan ittisaa fi to’annoo dhibeewwanii Dooktar Joon Nikeengaasoong akka beeksisanitti, meeshaaleen qorannaa 2000 biyyoota vaayrasichi itti mudateef raabsameera.

Meeshaaleen qorannaa kumni 10 ammoo torbee itti aanu keessa Chaayinaadhaa gara Afrikaa ni galu jedhan.

Daayreektarichi Kooviid 19 diina hunda keenyati, tamsa’inasaa ittisuu fi to’achuuf tumsaan hojjechuu qabna jedhan.

Aliibaabbaa Giruup biyyoota tamsa’inichi itti mudatef meeshaalee qorannaa amma kuma 25 laachuuf waadaa galuun eerameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.