Fana: At a Speed of Life!

Ityoophiyaatti namoonni dabalataa 1,948 vaayrasii koroonaan qabamuu ibsame

Finfinnee, Eebila 4, 2013 (FBC) – Gabaasa qorannoo sa’aatii 24 darbeetiin namoonni dabalataa 1,948 vaayrasii koroonaan yoo qabaman, lubbuun namoota 34 darbeera.

Sa’aatii 24 darbetti qorannoo laabraatoorii namoota 7,709 gaggeeffameen vaayrasichi namoota 1,948 irratti argamuu Ministeerri Fayyaa beeksiseera.

Namoonni haaraan 1,347 dandamataniiru.

Vaayrasichi yeroo ammaa namoota 55,754irratti argama.

Namoonni 983 wallaansa cimaa keessatti argamu.

Lubbuun namoota 34 darbeera.

Waliigala lubbuun namoota 3,208 darbeera.

Hanga ammaatti namoonni kumni dhibbi 2 fi kumni 30 fi 944 qabamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.