Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen Ityoophiyaa % 94 talaallii Covid -19 fedhachuuf fedhii qabu – Giddugala Ittisaa fi Too’annoo dhibee Afrikaa

Finfinnee, Muddee 9, 2013 (FBC)  -Nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan isaa yoo mirkanaa’ee  lammiileen Ityoophiyaa % 94 talaallii Covid -19 fedhachuuf fedhii qabaachuu Giddugalli Ittisaa fi Too’annoo dhibee Afrikaa beeksise.

 

Giddugalli Ittisaa fi Too’annoo dhibee Afrikaa (CDC) fi Manni Barumsaa Qulqullinaa fi Tiroopikaalii Landan talaalliin dhibee Covid -19 nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaa isaa yoo mirkanaa’e Afrikaatti deebiin ummataa maal akka ta’uu danda’u ilaalchisee qorannoo gaggeessaniiru.

 

Akka qorannoo kanaatti nageenyummaa fi bu’aa qabeessummaan talaallichaa yoo mirkanaa’e % 79 fudhachuuf fedhii qabaachuu eerrameera.

 

Qorannoo Hagayyaa hanga Muddeetti Ityoophiyaa, Burkiinaafaasoo, Kootdivaayeer, Ripaablika Demookraatawaa Koongoo, Gaaboon, Keeniyaa, Maalaawwii, Moorookoo, Niijeer, Naayijeeriyaa, Seeneegaal, Afrikaa Kibbaa, Sudaan, Tuniiziiyaa, fi Ugaandaatti gaggeeffameerratti namoonni kumni 15 hirmaataniiru.

 

Akka bu’aa qorannichaatti talaallicha fudhachuurratti biyyaa biyyatti gagaaraagarummaan jiraachuu fi biyyoota Afrikaa 5 gidduutti garaagarteen jiraachuu muul’ateera.

Lammiileen Ityoophiyaa % 94, Niijer % 93 talaallicha fudhachuf fedhii qabaachuu eerrameera.

 

Lammiileen Seeneegaal % 65, Ripaablika Demookraatawaa Koongoo % 59 fedhii qabu jedhame.

 

Namoota hirmaatan keessaa % 18 talaallichii guutumaan guutuutti nageenyummaan isaa kan mirkanaa’ee miti jechuun kan amanan yoo ta’u, % 25 ammoo warreen nageenyummaan isaa kan hin mirkanoofne ta’uu danda’a jechuun amananiidha.

 

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

 

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo subiskiraayib godhaa.

 

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.